Dabo Hana

Aanaan Daaboo Hannaa zoonii Bunnoo Baddellee keessatti argama. Haanaan Daaboo Hannaa (Daaphoo Hannaa) duri utuu bulchiinsi ADWUIn hin dhufin dura bulchiinsa kutaa Biyyaa Wallaggaa duraanii keessatti, konyaa Arjoo keessatti dulaa ture. Aannan Daaphoo galanta Dhidheessaa fi Daabana jedhamuun marfamee kan argamu yoo tau, lagni Dhiidhissaa karaaa Bahaa, Baha Kaabaa fi Baha kibbaa aanaa kana marsee Aanaa Baddalee fi Zoonii Baha Walleggaa n kan daangessu yummuu tau lagini Daabanaa immoo gara Dhihaa fi Kaaba Dhiihaa Aanaa Dhaaphoo Annaa Deeggaa fi Makkoo gidduu yaauun daangessaa. Aanaan Chawaaqaa Aaanaa Daaphoo Hannaa gara Dhihaan dhaangessa. Aanaan Chawwaqaa hamma lammiiwwan Oromoo harar dhufanii irra qubatanitti qaama Aanaa Daaphoo Hanna kan tureef gandoota akka Hayya Sokoruu of keessati qabatu kan ture dha.

Aanaan Daphoo laggeewwan kan akka Urgeessaa, Yaabowwaa, Daammii fi kan biroo kan aanaa sana keessa burqanii leggaawwan Daabanaa fi Dhiidheessatti dabalamuun gara laga Murmuritt (Nile)i dabalau.

Uummatni Aanaan Daaphoo irra caalaan qotee bulaa yommuu tau Xaafii, Boqqolloo, bisingaa fi gosa minaannii kan biroo kan akka Nuugii, Baqeelaa kkf hedduuminaan oomsa. Kana malees horii kan akka Saáa Hoolaa fi Reetttii horisee jireenya isaa kan ittiin fooyyeefatu kan akka Dammaas ni oomsuun gabaalee kan akka Beddelee fi Arjootti dhiiheessa.

Aanaan Daaphoo Hannaa walumaa gala magalaa Konee dabalatee gandoota 16 kan qabdu yo tau lakkofsi uummata Aanaa kanaa akka lakkoofsa bar 2007 ALO godhametti 41,285 oli dha. Akka ragaan bara 2007 ALO agarsiisuatti uummata Aanaa Daaphoo keesaa %61.66 amantoota Kirsitaanaa Ortodooksii; %29.13 o amantoota Kirsitaan Wangeelaa fi %7.51 immoo amantoota musiliimaa turani. Akka tilmaama Mootumoota Walii-galaniitti (UN) lakkoofsi uummataa Daaphoo Hannaa bara 2020 kanatti 57,638 taá

Suuraa kanaaf galatni kan Obbo Beekan Gurmeessaa Guddataa ti.
Obbo Beekaan dhalataa Daaphoo Hannaa kan taán yeroo ammaa barsiisaa Yuniversity Jimmaa it.

Hidda latinsa Uummata oromoo Daaboo Haanaa.

Gosa Maccaa keessaa ijoolleen obboolaan sadan Sayyoo, leeqaa fi Tummeen gara Lixa Oromiyaatti babal’atan. Oromoo maccaa kana keessaa Sayyoon gara Wallagga Lixa yoo babal’atu, Leeqaan Wallaga Baha qubate. Tummeen gara Iluu Abbaa Booritti babal’ate. Bu’uurummaa kanan Tummeen ijoollee afuur qaba jedhama. Isaanis Noonnoo, Sibuu, Bunnoo fi Daaphoo jedhamanni beekammu. Kana keessa Bunnoo fi Daaphoon karaa Arjoo irraan laga Dhidheessa ceánii warra dhufani dha.
Akkumma armaan olitti ibsameetti Bunnoo fi Daaphoon ilmaan Abbaa tokko ti. Haa ta’uu male Annaan garu ilmaa Bunnoo isaa angaafa dha. Bu’uurummaa kanaan gosni Annaan kun warraa Bunnoo irraa gara Daaphootti babbalatee dha jedhama. Akka manguddon seenaa beekan irraa argammeetti yeroo ammaa sanyiin uummata oromoo kun Daaphoo fi Bedellee keessa bakka tokko tokkootti maqaa Annaattin moggaffamme jira.Iddoo yookaan bakka sanaattif mogasaa maqaa bira dabalataani keessa jiraacha jiru. Isaanis Beddelle keessa bakka Annaa Qaree, Annaa Waraabuu, Annaa Dikaa fi Daaphoo keessa Annaa Dhaayee jedhamaanii babballatanii keessa jiraachaa jiru. Kanumaa irraa ka’ee Daaphoo fi Annaan walitti dhufee mogaasa maqaa Daphoo Annaa jedhame.

Suuraa kanaaf galatni kan Obbo Beekan Gurmeessaa Guddataa ti.
Obbo Beekaan dhalataa Daaphoo Hannaa kan taán yeroo ammaa barsiisaa Yuniversity Jimmaa it.

Sababbaa qooqaa fi sagaleessuu irraan kan ka’ee yeroo ammaa maqaan Daaphoo fi Annaa gara maqaa Daaboo Haannaatti jijjiramee wamammaa jira. Bu’uuruma kanaan oromoon Daaboo/Daaphoo Haannaa hidda latiinsa Maccaa ta’ee gosoota xixiqaa kan akka Cooraa, Arjoo, Guduruu fi Jimmaa taee bakka adda addaa nannoo dhihee keessatti argamuu. Kanneen keessaa Daaboon yookaan Daaphoon gosa bal’aa yoo ta’ee ilmaan shaan yookaan balbala shan qaba. Isaanis Dheekkoo, Dhaayee, Wacaalee, Teemoo, fi Tuulama dha. Kana irraa kan kaes Shanaan Daaphoo jedhamee beekama. Shanaan Daaboo kun yeroo ammaa gandoota kudha shanaan keessatti babbalataani jiraachaa jiru. Dabaalataniis gandootni tokko tokkoo maqaa gosa kanaan moggafamanii ittiin wamaama jiru. Fakkeenyaaf Temo Dheekkoo, Teemoo Lookoo, Hannaa Daayee, Wacaalee, Tuulama Digajaa fi kan kana fakkaatani dha. Walumaa galatti maqaan mogaasni Daaboo Haannaa kan dhufee maqaa gosawwaan oromoo akka ta’ee manguddootni Aanaa Daaboo Haannaa ragaa ni bahu. Madda (Seenaa Oromoo Hanga Jaarraa 16ffaa, fuula 153, ogeessa Seenaa Anteeneh Isheetuu akka barreefamee fi Fuula Feesbuukii Adaa fi Turizimii Aanaa Daaphoo irraa akka gargamee irra deebiin qubeeffametti ).

Suuraa kanaaf galatni kan Obbo Beekan Gurmeessaa Guddataa ti.
Obbo Beekaan dhalataa Daaphoo Hannaa kan taán yeroo ammaa barsiisaa Yuniversity Jimmaa it.

Seenaa Hundeeffama fi Dhufaatii Maqaa Magaalaa Konee

Magaalaan Konee magalaa tokkocha aanaa Daaphoo Hannaa keessatti argamu dha. Koneen magalaa Beddelee irraa gara Kiiloometra 36 kan fagaattu yoo tau daandiin konkolaataa karaa Liillootiin karaa isa Beddellee irraa gara magaalaa Naqamtee deemuu irraa ganda Sabaasabaattii jedhamitutti irratti kara magalaa Konee dhaqa. Daandiin kun kan konkoolataa xixxiqaa fi kan miaa fi kan uummataa deemsisuu dandaá.

Gaaffii magaalaan konee haala kamiin hundeeffamte; akkaasumaas moggaafamte jedhuuf maanguddoonni seenaa beekan akka jedhanitti uumama yookiin sababa hundeffamaa fi moggaasa magaalaa Konee kan ta’e gabaa Konee ti jedhama. Teessoon gabaa Konee bakka har’a jirtu kan turtee osoo hin taane bakkaa bakkatti jijjiiramaa kan dhufee fi moggaasa maqaa garaa garaa qabaachaa har’a kan geessee dha. Haaluma kanaan bara 1938 tii eegalee gabaan Gubbee Qallaa gara gabaa Koneetti jijjirame. Kanumma irraa ka’uun magaalaan Konee maqaa har’a ittiin waamama jirtu argatte.
Moggaasi maqaa magaalaa Konee akkumaa moggaasaa maqaa aanicha yeroo fi adeemsa wal fakkaatu qaba. Haa ta’u malee, moggaasni maqaa Konee kun kan dhufe maqaa namicha Baatee Konii Waaqoo Baqoo jedhamuun handhura magaalatti kan taatee bakka amma Konee jedhamtu jirataa kan ture dha. Baatee Konii sanyii yookaan balbala Teemoo keessaa isaa tokko dha. Kanumarraa kaasuun namichi Konii jedhamu yeroo jalqabaaf as jiraataa waan tureef maqaan magaalaa Aanaa Daaboo Haannaa yeroo ammaa kana Konee jedhamtee waamamti. Madda :-Waajjira Aadaa fi Turiizimii Aanaa Daaphoo Hannaa madda seenaa irraa fuuduun Feesbuukii isaanii irratti akka barreessanitti.

Suuraa kanaaf galatni kan Obbo Beekan Gurmeessaa Guddataa ti.
Obbo Beekaan dhalataa Daaphoo Hannaa kan taán yeroo ammaa barsiisaa Yuniversity Jimmaa it.
Suuraa kanaaf galatni kan Obbo Beekan Gurmeessaa Guddataa ti.
Obbo Beekaan dhalataa Daaphoo Hannaa kan taán yeroo ammaa barsiisaa Yuniversity Jimmaa it.